1627

 

 

Towhiida &

Utubaalee islaamaa

fii iimaanaa.

التوحيد وأركان الاسلام والايمان

 

 

تأليف

أبو فاطمة- جمال محمد أحمد

Qophessaan 

Shekh Jamaal Shekh Muhammad

(Abbaa Faaximah)


Baafata

Mata duree                                   fuula

1-duree ------------------------------------3

2-Tolina amantii islaamaa-------------6

3-Utubalee islaamaa--------------------9

4-Utubaalee iimaanaa-----------------14

5-Ibaadaa fi hiikkaa isii--------------30

6-Towhiidaa fii qooda isaa-----------37

7-Towhiida maqaalee fi sifaataa----38

8-walaloo towhiidaa-------------------41

8-Shirkiin badii guddoodha. --------44

9-Xumura-------------------------------47

 

 

 

 

 

 

Seensa.

بسم الله الرحمن الرحيم

الحمد لله رب العالمين الصلاة والسلام عى رسول الله نبينا محمد وعلي آله وصحبه أجمعين.

Bismillaahi Rrahmaani Rrahiim.

Alhamdu liLaahi assalaatu wassalaamu alaa Rasuulilaah wa alaa aalihii wasahbih.

Eegaa Mslima hundarratti barnoota bu'uraa kan islaamaa barachuun dirqama beekamaadha. Kana jechuun waayee towhiidaa, utubaalee islaamaa, utubaalee iimaanaa, barachuun barbaachisaadha.

Kitaaba kana keessatti barnoota kanneen bal'inaan argattu. Afaan keenya kan oromootiin waan qophaaweef nama hundaafuu dubbisanii irraa barachuun laafaadha.

Akkuma Walaloo tiyya keysatti jedhetti:-

BismiLlaahiidhaan jalqabeeti.

Alhamdu liLlaah itti anseeti .

Nagayaaf rahmata nabbi buuseeti .

Aaliif sahaabaa hunda saaniitii.

Amma ba’idu kanatti aanseetii .

ya obboleyyan muslimaatii.

Isiniin jaaladhaa Rabbiif jedheeti.

Dhufee waan qabu isinii fideetii.

Kunoo gaa wanni qabu tan ani isinii fide kitaaba kanaa hoodha.

     Gama kaaniin Kitaabni kun mata duree barnootaa Asii gadii kana uf keessaa qaba.

-Tolina amantii islaamaa.

- utubaalee (arkaana) islaamaa,

-utubaalee (Arkaana) iimaanaa, 

-hiikkaa ibaadaa,

-barnoota towhiidaa, 

-hammeenya shirkiitii.

Ammas kitaaba kana wanni adda isa godhu  walaloolee mimmiooytuu adda-addaa uf keessaa qabaachuu isaati. fakkenyaaf walaloo arkaana islaamaa, ta arkaana iimaanaa, ta towhiidaa, isiniif dhihaattee jirti.

Dubbisaa irraa fayyadamaa.  

egaa Rabbii nugargaare nigalatoomfanna Alhamdu lillaahi Rabbil aalamiin.  Ammallee Maktaba daiwaa rabwaa kan riyaaditti argamu kan kitaaba kana maxxansee ummata keenya biraan gaye maqaa ummata keenyaatiin  isaan galatoomfanna.Rabbiin jannata isaan haabadhaasu jennaa.

فنسأل الله أن ينفعنا بهذا العمل وكل من شارك فيه, والحمد لله رب العالمين.

Duuba hojii teenya tana tan buaa qabduufii tan ummata fayyaddu Rabbi nuuf haagodhu jenneeti kadhanna. galanni Rabbiif haagalu.

 

Obboleessa keysan-

shekh Jamaal shekh Muhammad         Abbaa xaalib.

Shekhjemal@yahoo.com 

00966505697461

Riyadh sawdii arabiyaa.


 

الدرس الأول سماحة دين الإسلام

Barnoota 1ffaa tolina amantii islaamaa

1–Beekaa Diin keenya kan islaamaa kun Amantii  dhugaati. filatamtu, jaalatamtuu, guutamtuudha. kanarratti Rabbiin s.w akkana jedha.

 ﭰ  ﭱ  ﭲ  ﭳ  ﭴ     ﭵ  ﭶ   ﭷ  ﭸ  ﭹﭺ  ﭻ  ﭼ  ﭽ  ﭾ  ﭿ   ﮀ  ﮁ  ﮂ  ﮃ  ﮄ  ﮅ                                 ﮓ   المائدة: ٣

 "ar'aan tana warren kafaran amantii teeysan (miidhurraa) garaa muratanii jiran. Egaa isaan hinsodaatinaa anuma sodaadhaa, arr'aan tana amantii teessan isiniif  guute, qananii tiyyas isinirratti guute, amantummaaf islaama isiniif jaaladhe," maaidah3.

2-Ammas diin kun kan ilmi namaa hundi hordofuun isaanirratti dirqamaati.

3-Ammas Amantiin teenya tan islaamaa tun amantii zamana hundaaf biyyahundaaf ummata hundaaf mijjoytuu taateedha           

  4-Akkasuma amantii  toltuu amantiin biroo qabdu hunda walitti qabattee toltuu birootis irratti ida'atteedha.

  5-Akkasuma ammallee diin keenya kun amntii haqaa tan nama isa qabateef Rabbiin milkiifii injifannoo  waadaa seeneefii dha.

 

.--وعد الله الذين آمنوا منكم وعملوا الصالحات ليستخلفنهم كمااستخلف الذين من قبلهم----الآية

6-Akkasuma diin kun diin haala amala gaarii hundatti ajajee hamtuu hundarraa dhoowweedha.

إن الله يأمر بالعدل والإحسان وايتآء ذي القربى وينهى عن الفحشاء والمنكر والبغي... الآية.

Hiikkaan” Allaha haqafii toltutti ajaja. Firaa gargaaruttis ni ajaja. Ammo nidhowwaa hamtuu fokkattuufii badirraa walmiidhurraayis nidhowwa, akka qajeeltaniif isin gorsa.”

7-Ammallee diin keenya kun jiruu hawaasummaa gaarii yeroo duraatiif kan itti ajajee karaa godhe isa.

Fakkenyaaf-haadhaaf abbatti tola ooluu itti nama ajaja, Fira maxxanfachuu, maatii ufiitti gaaromuu, olla gargaaruufii jabeysuu, akka seenaa addunyaati yeroo duraatiif mirga dubartootaa tiifii kan daaimmanii, kan manguddoota kan kabajee seera itti labse diin islaamaati.

obboleeyyan muslimaa hundatti tola ooluu, inumaa ilmaan namaa qofa osoo hintahin

  hanga horiifii bineensa gaaraa gayu miidhuu dhabuufii tola itti oolutti nama ajaja. Mirga isaanii nikabaja. Hawaasa amantii biro qabu wajjiin akkataa itti haala gaariin wajji jiraatan seera gayaa labsee jira. Kanarratii yerootu nutty gabaabbate malee keewwata qur'aanaafii hadiisaa hedduu akka ragaatti tarreessuu nidandeenya.

Akka adawwiin olola kijibaa hafarsaa jirtu jettuu miti. Muslimni mankaraarsaa miti muslimni shoorarkessaa miti. Kun duula kijibaa kan dhugarraa fagatee, duula humnoota farroota islaamaa kan amantii muslimaa maqaa gurraacheysuuf deemaa jiru tahuun isaa ifatti beekamuu qaba.Ammas irra deebinee islamni amantii nagayaafii jaalalaa, tan kabajaa fi rahmataati. Muslimnis ummata nagayaati, ummata jaalalaati, ummataa barnootaati, ummata guddinaafii misoomaati. Egaa warren farra islaamaatiin akki jennu, manzaraa (manaaxirii) guraacha dukkanaawaa ijarraa waan qabdaniif wanni gartan hundi isinitti dukkanooytee ufirraa baasaa ija fayyaa qabduun laalaa, yoggus dhugaa gartanii jennaan.

Tanaaf Amantiin teenya amantii umaan wliigaltu tan namni hundi irrtti dhalatu (diinul fixrah) jedhama.

AlhamduliLlaahi Rabbiin isii nubadhaase.Tanaaf Diin kana  baradhaa, jabeyfadhaa, walbarsiisaa, irratti jiraadhaa isiniin jenna.

الدرس الثاني أركان الاسلام الخمسة

Barnoota 2ffaa

Utubaalee islaamaa .

Hundee baruumsa kanaa ,hadiisa jibriil bifa nama dargaggeysaatin uffata addeyfate. kan rifeensi isaa gurraachaa, Nabii keenyarratti s.a.w. ol seenee fuula dura taa'ee gaafate, Yaa Muhammad islaamummaa rraa naaf odeessi (nabarsiisi) jedheen?  Nabiin keenya s.a.w. islaama jechuun Ragaa bahuu keeti gabbaramaan dhugaa Rabbi malee akka hin jirre nabi muhammadis ergamaa isaa tahuu…jedheeti itti fufe..barsiise.-

1ffaa-shahaadaa lameen.

Shahaadaa jechuun Ragaa bahuu jechuudha, jechi isiitis kana "Ash hadu an laa ilaaha illallaahu, wa ash hadu anna muhammadan rasuulullaah" haqaan gabbaramaan Allah malee hinjiru jedhanii  Ragaa bahudha.  akkasuma nabi Muhammad s.a.w.ergamaa isaati jedhanii dhugaoomsuu dha..

2ffaan-salaata dhaabuu.

kana jechuun  halkanii guyyatti yeroo shan salaatuudha. seraafii akkataa isii guutanii, baratanii, tolchanii salaatuudha.

salaanni darajaan (sawaabni isaa) haalaan guddaadha. Kanarratti Rabbiin s.w. akkana jedha "salaata dhaabi salaanni badii fokkattuufii jallina jibbamarraa nama dhoowwiti " qur'aana.

Nabiin keenyaas s.a.w. akkana jedhan "Fakkiin salaata shananii akka fakkii lagaa bishaan guutuu kan hulaa mana tokkoo keysanii keysa yaa'uuti, kan guyyarraa yoggu shan isarraa dhiqatu sa xurii isaarraa waa isarratti nihafaa?" jennaan.

sahaabonni lakki hin hafu jedhaniin. ''salaanni shananis fakkiin isaa akkana,isaan Rabbiin nama qulqulleysa badirraa"jedhaniin.  muslimtu odeesse.

Ammas salaanni utubaa islaamaati namni isa dhaabe amantii isaa islaama dhaabee jira.

kan salaata diige (Dhiise) amantii isaa diigee jira.

Ammas salaanni dura waan namni guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamuuti , isiin tollaan hojiin isaa hundi toltee fudhatama argatti. ammoo yoo isiin ir'atte hojiin isaa hundi bu'aa dhabdi.

akkasuma salanni ifaadha.

   Waayee bal'ina barnoota kanaatiif  kitaaba kiyya kan Barnoota xahaaraafii salaataa jedhu dubbisaa.

 

3ffaan-Zakaa baasuu.

kana jechuun qabeenya qabnurraa waggatti harka beekamaa tahe kan seeraan taae tokko hiyyeeysaa kennuu(gargaaruu) jechuudha.

   Fakkenyaaf:-maallaqa bilchoofii meeshaalee daldalaa irraa 2.5% baasuu, midhaaniifii oomisha qonnaa irraa 10%  akkauma beyladoota akka gala horii reefii hoola irrayis herrega seeran taa’e baasuudha.                                    

4ffaa-Ji’a Ramadaanaa soomanuu.

Kana jechuun waggaa waggaan baatii Ramadaanaa soomanuu jechuudha.

   yookaan Guyya guyyaa fajrii barii irraa kaasee hanga aduun seentutti- ibaadaa Rabbii itti niyyatanii-nyaata, dhugaatii, qunnamtii saalaa godhurraa ufqabuu (agabuu ooluu) jechuudha.  kanaan Rabbi gabbaruu jechuudha. Yeroo kana toltuu akka zikrii, sadaqaa, qaraatii qur’aanaa, du’aaii’ salaata sunnaa, fii kkf heddumeysuu barbaachisa.

Akkuma san hamtuu fii dilii gosa hundarraawuu fagaachuudhaan towbaa heddumeysanii uf qulqulleysuun barbaachisaadha. Waayee soomanaa Ramadaanaa fii heera isaa balinaa kitaaba kiyya kan seera soomana Ramadaana jedhurratti ni argattan.

5ffaa-hajjii mana Rabbii makkaatti godhuu.

KanaJechuun Namni dandeeyti human diinaggee qabu martinuu umrii isaa keysatti yoggu takka kara biyya makkaa deemee dhaqee sirna ibaadaa hajji godhuu jechuudha. kunis fadlii sadarkaa guddaa qaba. Barnoota waayee hajji fii umraa laalchisee  kitaaba kiyya kan heera hajjiifii umraa jedhu keysatti laaladhaa.

 

walaloo utubaalee islaamaa

shanan islaamaa hubachuudhaa.

shahaadaa lameen durri isaadhaa.

tokkummaa Rabbii ragaa bahuudhaa.

Nabi muhammad ergaa isaadhaa.

 

salaata gadi dhaabuun lammeysaa.

baranii tolchanii sirreysaa.       

utubaan diin kun dhaabbatuun isaa.

 hadaraa hunduu qabaa jabeysaa.

 

zakaa baasutu itti aana tartiibaa.

eggataa sharxiifii hisaabaa.

barakaa diiniif duniyaa qabaa.

godhaa sadaqaa fudhaa sawaabaa.

 

Rabbiif soomanuutu itti aanaa.

baatii gamachuu ramadaanaa.

nurraa qeebalii ati mowlaanaa.

nuun jedhi hulaa rayyaan san seenaa.

shaneysaan gammachuu umriitii.

 

hajjii godhuu beytii Rabbiitii.

akka waan guyyaa san dhalateetii.

gala araarama argateetii.

 

الدرس الثالث   أركان الإيمان الستة.

Barnoota 3ffaa

Utubaalee iimaanaa Jahan.

Iimaanni waa jaharratti ijaarame. Sunis Rabbitti amanuu,

malaaykaa isaattis amanuu,

kitaabban isaattis amanuu,

ergamtoota isaatti amanuu,

guyyaa qiyaamaatti amanuu,

murtii  Rabbiitti amanuu jechuudha.kanarraa yogguu dubbatu Rabbiin s.w. akkana jedha.

ﭻ   ﭼ  ﭽ  ﭾ  ﭿ  ﮀ  ﮁ  ﮂ  ﮃ   ﮄ  ﮅ  ﮆ  ﮇ  ﮈ  ﮉ  ﮊﮋ  ﮌ  ﮍ      ﮎ  ﮏ  ﮐ  ﮑ  ﮒ  ﮓ   ﮔ  ﮕ    ﮖ  ﮗ  ﮘ  النساء: ١٣٦

"Isin yaa warri amantan! Rabbitti amana, malaaykaa isaatti, ergamtoota isaatti, kitaaba inni ergamaa isaarratti buusetti, kitaaba inni ammaan dura buusetti, amanaa. Namni rabbitti kafare, akkasuma kan malaaykaa isaatti, kitaabban isaatti, ergamtoota isaatti, guyyaa aakhiraatti kafare dhugumaan jallina fagaataa jallate." Suuraa nisaa'ii 136 

Arkaanaa iimaanaa kana Balifnee yoo laalle;-

1ffaa-Allaahatti amanuu.

yogguu jennu.-

A-Rabbiin jiraataa tahuu dhugaoomsuu.

Rabbummaa isaatti amanuu, mootii, khaaliqa, tahuu isaa dhugaoomsuu.

 

B-Gabbaramaa haqaa tahuu isaatt amnuu;-

kana jechuun haqaan gabbaramaan isamalee akka hinjirre mirkaneysuufii, isuma qofa gabbaruu. shirkirraa qulqullaawuu albaqarah .

gabbaramtoota dharaa maqaa malee wahiimiti jedhanii hubachuudha.  gabbaramtootni dharaa kun ufii isitiifuu uumamtuudha waatakkallee hin uumtu, warreen isii gabbarurraa hamtuu hindeebistu, toltuu hin fidduuf, jiraachisuufi ajjeesus hindandeessu jedhanii dhuga'oomsuudha.

 

C-maqaaleefii sifaata isaatti amanuu. [al'iimaanu bi asmaaihii wasifaatihii].

kana jechuun-maqaaleefii sifaataa Rabbiin qur'aana isaa keysatti mirkaneysee fii kan Nabiin keenya s.a.w. hadiisa isaa keysatti sabachiise akkuma dhufetti itti amanuu Rabbiif mirkaneysu sabachiisuu qabna jechuudha. jallisuufii qullaa godhuun maletti, akkaateysuufii fakkeysuun maletti, akkaataa guddina isaatiin malutti jedhanii. Waayee sifaata Rabbii kitaaba kana  gama booddaatti mata duree qooda towhiida jedhu  jalatti bal'inaan dhihaatee jira.

Hubachiisa -bakka kanatti namni garee  sadihitti addaan qoqqoodame.

isaanis

1 =mu'axxilaah [dhabamsiistu] warreen sifaata Rabbii mormanii dhabamsiisan kan akka jahmiyyaa fii ahbaash kanneen dogoggoranii jallatanii karaa Rabbii irraa bahan.

2.=mushabbihah [fakkeysituu] warreen sifaata Rabbii kan makhluuqaatti fakkeysan. Sifaatni rabbi tan akkanaa jedhanii. Jarri kunis dogoggoraafi jallinarratti tahan.                      3= Ammoo ahlussunnati waljamaa'ah. Sifaata Rabbii hunda nisabachiisan fakkeysuun maletti, karaa kanatu haqa, kanaatu karaa dhugaati.

 

2ffaa-Malaaykaa isaatti amanuu.

Kana Jechuun Rabbiin s.w. ummata tokko kan maleykaa jedhamu uumeeti qaba jennee dhuga’oomsuu dha. Maleykaan gabroottan Rabbii kabajamoodha. isatti hin dilaawan, waan inni itti ajaje hojjatan. kan qur’aanaafii hadiisaan maqaafii hojiin isaanii dubbatame akkasumatti dhuga’oomsina. Rabbiin s.w. waayee malaaykaa qur’aana keysatti bal’inaan dubbatee jira.   Akkasuma hadiisarraa –anas Nabii keenyarraa s.a.w. odeesse / bukhaarii/.

    maleykaa 70000 guyyarra beytalmaimuuritti salaata.

Ammas Malaykarraa kan guyya jum'aah maqaa nama masgiida dhufuu tartiibaan katabantu jira /.bukhariitu abihureyraa galmeesse/ Ammas hadiisa birootti jibriil ni lallaba.

 

3ffaa-Kitaaba isaatti amanuu.

yogguu jennu;-Rabbiin kitaaba hedduu ilmaan namaatiin qajeelchuuf buusee jira. kitaabban sun hundinuu jecha isaati, dhugaadha jennee amanuu.

Hangafoonni isaani-towraat nabi muusaa, zabuur nabi daawud, injiil nabi iisaa, qur’aana nabii keenya Muhammad s.a.w. Rabbiin waayee kitaabban isaa qur’aana keysatti dubbatee ibsee jira.

Qur'aana- qur'aanni kitaaba Rabbi kan boodaa kan irra caalaa nabiyyii isaa nabi muhammadirratti Rabbiin buuseedha.

 

4ffaa--Ergamtoota isaatti amanuu.

Hiikkaan isaa Rabbiin zamana hunda keysatti namoota gaggaarii ummata keysaa fileeti barsiisota godhee Akka amantii Rabbii ummata barsiisaniif bobbaasa jechuudha. Qajeelfama isaan barsiisanis kitaaba isaanirratti gadi buusa.

isaanis hedduudha. Kanneen qur’aanaafii hadiisaan maqaan isaanii dhufe akkasumaatti amanna.Rabbiin qur’aana isaa keysatti waayee ergamtootaa ibsee jira.

Nabi Muhammad s.a.w. caalaa anbiyootaati. Akkasuma quxisuu isaaniiti. Isa booda nayyummaan hin jirtu. Ganda makkaati.bara lola arbaa dhalate. Abbaan abdallah ibnu abdulmuxxalibi, haati aaminaa binti wahbiiti. Achumatti re'ee tiiysaa guddate. Yogguu dardaru maallaqa kadiijaatiin daldaluu ture. Booda isiis fuudhee bultii jaare. Umrii isaa waggaa 40tti Rabbiin qur'aana itti buusuudhaan akka ilmaan namaa islaamummaa barsiisee dukkanarraa baasu dirqama isarra kaaye. Samittis olbaasee salaata shaman itti kenne. Amata kudha sadi  eega qabsoo hadhooytuu adawwii makkaa wajjiin gaggeysan booda gara madiinaa godaane. Achitti qajeellotti qubatee masgiida jaaree mootummaa islaamaa tan haqaa hundeese. Waggota 10 achi jiraatee umrii isaa amata 63 du'aan gama aakhiraa godaane. Sallallaahu aleyhi wasallam. Kunoogaa ifaa inni achitti qabsiiseetu addunyaa guutuu ibse. Kunoo gaa ilma namaa kan addunyaa tanarra jiru 7,000,000,000 keessaa muslimtoonni 1,500,000,000 tahan ifaa isaa ibsatanii jala deemaa jiran. Yaa muslimtoota seenaa nabii s.a.w. baradhaa.

Wayee seenaa jiruu nabii keenyaa (siiraa) guutuu kitaaba rahiiqul maktuum jedhamu kan shekh safiyyu Rrahmaan arabiidhaan kaayerraa afaan keenyatti hiikee kasetoota sagalee 7tti qophesseetiin jira. Najjashiitu waggoota muraasa dura maxxansee raabse. Isa dhaggeyfachuudhan isinii dhaama. Kitaabaanis yoo rabbiin jedhe fuul duratti qopheysuun yaada.

5ffaa-Guyyaa boodaatti (qiyaamaatti) amanuu.

Guyyaa boodaa jechuun namni akka du'een hihafu gayyaa dhumaa tokko nikaafama walitti qabameeti dalagaa isaarraa gaafatamee galata argata jechuudh. Waayeen guyyaa qiyaamaatti amanuu kun qabxii asii gadii kana uf keysaa qabata.                                                                                                                                             1 = gaafii qabrii, azaabaa fii qananii isiikeysaa dhugaoomsuu. jechuun namni yeroo duee awwaalame nikaafama, nigaafatama, Rabbiin kee eenyu?  Nabiyyiin kee yoo eenyu? Amantiin tee yoo tami? gaafii jettuutu itti dhihaata,  yoo qajeelaa tahe sirritti deebisa yoo jallataa tahe ammo deebisuu hindandayuu ni qixaaxama. Waayee azaaba qabrii yogguu dubbatu Rabbiin s.w. akkana jedha.

  ﮞ   ﮟ  ﮠ  ﮡ  ﮢﮣ  ﮤ  ﮥ  ﮦ  ﮧ    ﮨ  ﮩ  ﮪ  ﮫ  ﮬ  غافر:46

"Ganamaafii galgala ibidarra fidaman (azaaba qabriirra). Guyyaa qiyaamaan dhaabbattu warra firoownaa ibidda hamaa seensisaa"

    Akkuma hadiisa sahiiha keessattis bal'inaan dhufee jirutti.                              2-ALBA'ISU [kaafamiinsa]  kun jechuun afuufinsa 2ffa irratti hundi namaa nikaafama. Kanas qur'annii ibsee jira.

  ﮮ  ﮯ    ﮰ        ﮱ  ﯓ  ﯔﯕ  ﯖ   ﯗ  ﯘ     ﯙ  ﯚ    ﯛ  ﯜ  ﯝﯞ  ﯟ  ﯠ  ﯡ  ﯢ        ﯣ  التغابن: ٧

"Warren kafaran akka hin kaafamne kijibaan dubbatan. Jedhiin lakki rabbi kiyyatti kakadhee nikaafamtan waan dalaydan ni odeeffamtan kuni rabbirratti salphaadhaa."

Akkasuma hadiisa bukhariif muskim keysatti Nabiin s.a.w. akki jedhe- '' namni guyyaa qiyaama nikaafa mila qullaa, qaama qullaa, kan hinkittaanamin tahee".     3-ALHISAABU WAL JAZAA'I [qorannoofii galata] kana yogguu jennu   Namni hundii guyyaa qiyaamaa kaafameeti fuula Rabbiitti dhihaatee toltuufii hamtuu waan dalagee irraa gaafatama.  galata irratti argata jechuudha. kanas qur’aanni bal’inaan ibsee jira

ﯲ  ﯳ  ﯴ  ﯵ  ﯶ  ﯷ  ﯸ  ﯹ  ﯺ   الغاشية: ٢٥

"Deebiin isaanii gama keenyatti eegasi qorannoon isaanii nurratti tahee jira."

 

4-ASSIRAAX yoo kaan jennu dildila ibidda jahannamirra diriirfe kan namni jannata seenu hundi isarra cehu jechuudha.kan warri ibiddaa isarraa itti gadi kufu jechuudha.

  5-ALMIIZAAN jechuun Guyyaa qiyaamaa san keysatti miizaanni haqaa dhaabbateeti hojiin nama toltuufii hamtuun irra kaayamtee madaalamti jechuudha. yoo toltuun ulfaatte jannata seena. Yoo hamtuun ulfaattemmoo ibidda seena.Rabbi irraa nu haa tiysuu.              

6ffaa--Qadara dhuga'oomsuu kun hiikkaan isaa wanni namatti dhufu hundi gaariifii hamtuun isaatis Rabbumarraayi jedhanii, wanni nama tuqe namarraa hinmayxu, akkasuma wanni namrraa maqe nama hintuqxu jedhanii dhuga’oomsuudha.

 

walaloo utubaalee iimaanaa.

jahan iimaanaa walbarsiisi.

Rabbiin jiraataa dhuga'oomsii.                            tokkummaa isaatis mirkaneysii.

ibaadaa tee isaaf qulqulleysii.                                                                               

itti amanii malaykaasaa.

gabroottan gaggaarii ogeysaa.

hedduu teysoon saanii samii keysaa.

ittin dilaawan ajaja isaa.

 

dhugaa kitaabni Rabbiin buusee.

kan anbiyoota saa barsiise.

Qur'aana isaa hunda caalchisee.

K an nabiin keenya aalamaan ibsee.

 

   itti amannee ergamtootaa.

ilmaan namaatiif barsiistota.

shirkii fageysan karaa fokkataa.

towhiidan ibsan qalbii ummataa.

 

dhuga'oomsi guyyaa qiyaamaa.

yowmul hasrati wannadaamaa.

guyyaa kaafamaa guyyaa galataa.

jallaan azaabaa gaariin jannataa.

 

qadara jaheysaan isaatii.

gaariifii hamtuun waan dhufeetii.

feedhii Rabbiitiif murtii isaati.

katabee kaayee bekkomsa saatii.

 

ihsaannis beekaagaa tolchuudhaa.

ibaadaa Rabbii sirreysuudhaa.

akka waan laaltee gartuutti gabbarii.

ati arguu baattus si argaa barii.

 

waan himneef daliilan dhiheysaa.

hadiisa jibriil muslim keysaa.

dhufee ol seene nama fakkaataa.

fuul dura nabii taa'ee gaafataa

 

uffanni adiidhaa rifeensaa.

gurraacha gaarii dargaggeysaa.

akhbirnii anil islaami jedhaa.

nabiin tartiibaan deebisaa godhaa.

 

yaarabbii guddaa nugargaarii.

gaafii qabriidhaa aschaggaarii.

ka'ati gargaartee deebii argataa.

teenya nuuf godhii caffee jannataa.

 

awwalamnaan ilmi namaatii.

malaykaan lamaa itti buutii.

man Rabbuka jechuun gaafatamaa.

Nabbiyyiifii diin isaas nihimaa.

 

muiminni sirritti deebisaa.

jallaan rifatee ija babaasaa.

jawwedhaa nyaataa qurxaan tumamaa.

muimintootaaf jannataa banamaa.

 

Dhugaoomsi guyyaa qiyaamaa.

yowmul hasrati wannadaamaa.

guyyaa kaafamaa guyyaa galataa.

jallaan azaabaa gaariin jannataa.

 

guyyaan qiyaamaa rifachiisaa.

magan hammeenya isa keysaa.

hoosiistuu ilmoo irraanfachiisa.

tan garaa qabdus ilmoo irraa baasaa.

 

mizaanni haqaa nidhaabbamaa.

hojiin namaa nimadaalamaa.

kheyriin ulfaannaan tasaa milkumaa.

yoo haffallattee ibiddatti deemaa.

 

kitaabaa niqoodan hundaafuu.

hojiinsaa tokkos keysaan hafuu.

mirgaan kennamaa warri jannataa.

warri azaabaa bitaan fudhataa.

 

way rakkoo nu eeggatu xaaxaa.

irra cehuuf teenya siraaxaa.

hokkon jahannam kaanis korrooxaa.

kunis butamee itti gadi xiixaa.

 

jannata teysoon mu'imintootaa.

qananii miaawaadhaan guutaa.

qal'aa sireewwan laggeen jannataa.

rahmata keetiin nuuf kenni gooytaa.

 

nyaataa dhugaatii qananiisaa.

huural eyni fuudhan aruusaa.

ee huurun maqsuuraatun filkiyaam.

dueendulloomuu jiruu zalaalam.

 

kufaarri niseena jahiimaa.

lugaamnisaa kum torbaatamaa.

tokko malaaykaa kum torbaataama.

harkisee fidaa dirree qiyaamaa.

 

kufaraafi jallaa xamaamaa.

hidhameeti itti darbamaa.

beelaafii dheebuudhaanis gubamaa.

hamiim dhuge zzaqquum nyaachifamaa.

jahannamirraa uf fageysii.

aqiidaaf ibaadaa sirreeysii.

qabrii awliyaa jinniifii dhagaa.

gabbaruu dhiisii qabadhu dhugaa.

 

dhugaan sun towhiida Rabbiitii.

ma'ina laa ilaaha illallaahuti.

nabi muhammad ergaa Rabbiitii.

jedhii hordofii karaa isaati.

 

    Eegaa barnoota imaana kana baradhaa, aqiidaa tana qabdhaa.

   .Aqiidaa tana sirreysanii qabachuun, ummata muslimaa  ni kabajji, niguddisti. akkasuma, aqiidaan tun ummata niqulqulleysiti, wal jaalachiisti, badhaadhina adduniyaaf aakhiraa gonfachiisti. kunis kan dubbatame Qur’aana keysatti rabbiin s.w. akkana jedhe. 

  ﭑ   ﭒ  ﭓ  ﭔ    ﭕ  ﭖ  ﭗ  ﭘ  ﭙ   ﭚ  ﭛ  ﭜ  ﭝ  ﭞ            ﭟ  ﭠ  ﭡ   ﭢ  ﭣ  الأعراف: ٩٦ 96-9.

 

"Osoo warrii magaalattii amanannii Rabbisodaatanii silaa barakaalee samiifii dachirraa isaanif banna. Garuu ni kijibsiisan waan isaan hojjataniin isaan qabne"  suuraa a'iraaf 96.

   Dhumarratti-ummata keenya aqiidaa tana jabeysaa qabadhaa. kunoo duula nama muslimaa jallisuudhaaf deemaa jiru nigartan. humnaafii tooftaa adda addaa tiin gargaaramee. Egaa wanni duula sheyxaana namaatiifii jinni kana ufirraa dhoowwaniin beekkomsa aqiidaati. aqiidaa baradhaa walbarsiisaa irratti jajjabaadhaa qabadhaa.

 

 

 

 

الدرس الرابع العبادة ومعناها

Barnoota 4ffaa Ibaadaa fii hiikkaa isii.

 

Muslimtoota Beekaa dubbiin ibaadaa tun haalaan yaachistuudha. Amnuufii kafaruun namaa isirratti rarra’a. Jannataa fii azaabatti namni adda qoodamuunis sababuma isiitiini. Ammas yeroon amma keeysa jirru yeroo haalaan hamtuudha. Yeroo humnoonni farra islaamaa alarraa biyya teenya  seenanii duula towhiida dhabamsiisanii shirkii babal’isuu ummata keenyarratti oofaa jiranii dha. Kana waan taheef waayee maalummaa ibaadaa Rabbii kana qajeellotti ummataaf ibsuun,barsiisuun, hubachiisuun haalaaan barbaachisaa taha. Anis jechoota xiqqa kana akka yaadachiisaatti afaan keenya kan namni keenya hundinuu hubaatuun katabee isiniin gaye. Akkuma mammaksatti namni waan harkaa qabu darbate soodaataa miti jedhan sanitti.

Ummata keenya! Ibaadaan tenya hundi Rabbuma qofaaf tahuu qabdi. Irraa qoodanii kan birootiif dabarsuu hintaatu. Abbaa fedheewu taatu, malaaykaa, anbiyoota, fi kkf tokkoleefuu ibaadaa godhuun hintaatu.

Gosa ibaadaa  addaa babaafnee daliila isaaniitiin wajji dhihessina.

1/salaata-salaanni ibaadaa Rabbuma qofaaf tahe.daliilli isaa qur’aanaarraa

-وأقيموا الصلاة وآتوا الزكاة"

--"salaata dhaabaa zakaa

kennaa’’  hadiisarraayis hedduudha beekamaadha.

2/kadhaa

yaammachuun Rabi qofaaf malee dhowwaadha-Ragagaan kanaa

Qur'aanarraa

"-وان المساجد لله فلاتدعوا مع الله أحدا"

‘’masjidoowwan kama Allahaati. Allaahan wajji tokkollee hin yaammatinaa’’ hadiisarraa

"الدعاء مخ العبادة "رواه الترمذي

  "Kadhaan dhuka ibaadaati"

tirmizii.   

  3/ sodaa-isiiniis ibaadaa rabbuma qofaaf tahuu qabdurraayi.

Rabbiin s.w. akkana jedha

 فلاتخافوهم وخافون إن كنتم مؤمنين"

-Anuma sodaadhaa malee isaan (kaafira) hinsodaatinaa’’aalaimraan.

4/ kajeellaan ibaadaa Rabbuma qofaaf taateedha,Rabbiin akkana jedha –

فمن كان يرجوا لقاء ربه فليعمل عملا صالحا ولايشرك بعبادة ربه أحدا

‘’Nnmni milkii guyyaa qunnamtii Rabbii isaa kan kajeelu tahe, dalagaa gaarii haadalaguu, ibaadaa rabbi isaatiif godhu keysatti tokkollee akka hinqindeessine’’ suura alkahfi 110. Ammoo kajeellaan dhugaadhaa- ibaadaa Rabbi hojjataa qeebalamiinsa kajeeluu, badirraa towbachaa araarama kajeeluudha. kanaan ala hojii malee jannata kajeeluun, fi badii itti fufaa araarama kajeeluun dhamaasuudha,jazbummaadh.

5/ Irkannoon Rabbif malee dhowwaadha. Ragaan kanaa Qur’aanarraa                                            

"وعلى الله فتوكلوا إن كنتم مؤمنين"

"Allaah qofarratti irkadhaa yoo muimintoota taatan" suratul maaidah 23.

Ammas Rabbiin s.w. akkana jedha

ومن يتوكل على الله فهو حسبه          

" Nama Allaha irratti irkate inni gayaa isaati"  

6-kajeellaa,  7-sodaa 8-uf gadiqabuu.   kanneenis ibaadaadha Rabbuma qofaaf taati. Rabbiin s.w. akkana jedha

" وكانوا يسارعون في الخيرات ويدعوننا رغبا ورهبا وكانوا لنا خاشعين."

"Isaan toltuu hojjachutti kan jarjaran tahan, kajeelaa sodaachaa nu kadhatan, Nuuf uf gadi qaboo tahuu tura" 

suuraa al-anbiyaa 90.

 

9-Sodaan Rabbuma qofaafi. Ragaan Qur’aanarraa-

"فلاتخشوهم واخشوني"

"Anuma sodaadhaa malee isaan hinsodaatinaa" suuratu-l baqarah 150.

 

  10-Deebiin gama Rabbii qofa malee dhowwaadha. Ragaan kanaa Rabbiin s.w.  Akkana jedha

"وأنيبوا إلى ربكم وأسلموا له"

 "Gama Rabbii keysanii deebi’aa Isumaaf ajajamaa" suuratu zzumar 54.

 

  11-gargaarsifachuun Rabbuma qofaani, Ragaan jecha isaa kana

                      "إياك نعبد وإياك نستعين"

"suma qofa gabbarra, suma qofatti gargaarsifannas" suuratul faatihaa5.

hadisattis nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan

فإذااستعنت فاستعن بالله        

"yoo gargaarsifatte Rabbumatti gargaarsifadhu" ahmadii fii tirmizii tu baase

12-Tiyfamuun (maganfachuun)  Rabbuma qofaani Ragaan jecha Rabbiiti

" قل أعوذ برب الناس"

''Gooytaa namaatiinin tiyfama jedhi'' suuratu nnaas aayaa 1.

Akkasuma sifaata Rabbii kan akka haasawa isaa, guddina isaa, ol aantummaa isaa, Dandeeytii isaa, jaalala isaa, fuula isaa kanneeniin tiiyfamuun maganfachuun ni dandayama. Ragaan hadiisota Nabii keenyarraa s.a.w.dhufee jira.

" أعوذ بكلمات الله التامات من شر ماخلق."

"jechoota Allaaha gutamtuwwaniinin tiiyfama hamtuu waan inni uumeerraa" muslimtu galmesse.

Hadiisa birootti

" وأعوذ بعظمتك أن أغتال من تحتي."

"guddina keetiinin tiiyfama jala kiyyatti gadi kuffifamurraa" Ahmad fi nasaiitu odeesse.

  13-dirmachiifachuun Rabbiin malee dhowwadha. Ragaan kanaa Qur’aanarra

"إذ تستغيثون ربكم فاستجاب لكم أني ممدكم بالف من الملائكة مردفين."

"yogguu Rabbii keysan dirmachiifattanii isiniif awwaate ani malaaykaa kuma tokko tan hiriirtuu taateen isin gargaaraadha(jedhee)" anfaa aayaa l9.

Aayanni kun guyyaa lola badrii nabiin keenya s.a.w. yaa Rabbi naa dirmadhu waan naaf waadaa seenteen naatumsi jedhanii kadhannaan deebisaa sanirratti buufame.

14-qaluun (gorraasuun) ibaadaadha Rabbuma qofaaf taate. Ragaan kana Qur’aanarraa

"قل إن صلاتي ونسكي ومحياي ومماتي لله رب العالمين. لاشريك له"

"jedhi salaanni koo fi qaliinsi koo fii, jiruuntoo, fii duuti too Allahaa gooftaa aalamootaa tiifi. Shariikni isaaf hijiru" suuratul an’aam 162,163. 

Hadiisarraa ammo

"لعن الله من ذبح لغيرالله."

"Nama Rabbiif malee kanbirootii qale Rabbiin abaare" muslimtu baase.

 

15-qodhaa godhuun ibaadaadha Rabbuma qofaaf tahuu qabdi.Daliilli Qur’aanarraa

يوفون بالنذرويخافون يوما كان شره مستطيرا.

Qodhaa niguutan,  guyyaa hamtuun isaa facaatuu taates ni sodaatan" suuratul insaan7.                    

Dhumarratti ibaadaalee dubbanne tanaafii tanbirootis Rabbuma qofaaf qulqulleysuu qabna. walbarsiisuu nu barbaachisa. wanni nama yaachisu  namni hedduun Rabbi dhiisee makluuqa gabbara. sun addunyaaf aakiraa kasaaree jira, Fk/qabroota awliyaa, jinni, muka, galma, hadraa, oofaa fi kkf nii,-qaluunn, kadhachuun, barakaa irra barbaaduun, shirkiidha. jahanam nama sensifti.Irraa uf eegaa!

 

 

 

 

الدرس الخامس  التوحيد وأقسامه

Barnoota 5ffaa Towhiidad fi qooda isaa.

 

Yaa muslimtoota! Barnoonni Towhiidaa (Tokkummaa Rabbii) Irra caalaa barnoota hundaati. Towhida dhugaoomsuun, barachuun, barsiisuu fii itti nama gorsuun dirqama islaamaa kan duraati. towhindi bu’ura amantiin isarratti dhaabbattu. Ajajni Rabbii kan duraa towhiida.

towhidni dameelee 3 qaba.

 توحيد الربوبية, وتوحيد الألوهيةو وتوحيد الأسماء والصفات

Isaanis towhiida goytummaa, towhiida gabbartii, towhiida maqaaleeti fii sifaataati. kanneen keeysa towhiida maqaaleefi sifaataa amma balinaan laalla.

 

 

  Towhiida maqaaleefii sifaataa yommuu jennu:-

1)-Rabbiin maqaalee gaggaarii ittiin isa kadhatan qaba. maqaalee akka isaa tokkolleenuu hinqabu, jennee dhuga’oomsuudha.                          

   2)-Akkasuma sifaata Rabbii ni sabachiisna (mirkaneysina)  itti amanna. Sifaata Rabbiin ufiin dubbatetti fii tan nabi Muhammed s.a.w. hadiisatti Rabbiin  wassafe hundatti ni amanna.

نؤمن بجميع ماوصف الله به نفسه في كتابه ووصفه به نبيه)ص (نؤمن بها من غير تحريف ولاتعطيل ولاتشبيه ولاتكييف,نثبتها كما جاءت على ظاهرها حقيقة                    

Sifaata Rabbii hunda Rabbiif sabachiisuu qabna. jallisuufii qulleysuun maletti, fakkeysuufii akkaateysuun maletti. sifaata Rabbii kanneen asii gadii kana hunda akkuma dhufetti rabbiif sabachiisuufii itti amanuun dirqama.

1-Rabbiin uumaa isaatii olitti oltahuu isaa   nidhuga'oomsina, niamanna.

2-Rabbiin waa hunda beekaadha.

3-Rabbiin dhageytiifii argaa isaan malte ni qaba jenneeti amanna.                         

4-Rabbiin muimintoota isaa nijaalata.

5-Rabbiin niaraarama rahmatallee nigodhaa ni amanna.                                         

6-Rabbiin nijaalataa nijibbaa, nidallana nilolas ni dhuga’oomsina.  

7-Rabbiin gabroottan isaa jiddutti murtesuuf nidhufa guyyaa guyyaa qiyaamaa dhufiinsa isaan malu. 

  8-Rabbiin fuula isaan malu niqaba.               9-Rabbiin harka lameen isaan maltu niqaba.                                             

10-Rabbiin ija isaan maltu niqaba.                  11-Rabbiin arshii  isaarratti ol taheejira, zaata isaatiin, haqiiqumaan. oltahiinsa isaan malu kan wahitti hinfakkeyfamne. Arshirratti oltahuu isaa kana Rabbiin Qur'aana isaa keysatti bakka 7tti dubbate. bakken sunis kunoo kanneen kana.

إن ربكم الله الذي خلق السموات...ثم استوى على العرش   (سورة الأعراف)

إن ربكم الله الذي خلق...ثم استوى على العرش )- سرة يونس)  

الله الذي رفع السموات بغير عمد ترونها ثم استوى على العرش ) سورة الرعد)

الرحمن على العرش استوى  )  سورة طه)

ثم استوى على العرش الرحمن سورة فرقان -  (

الله الذي خلق السموات والأرض...ثم استوى على العرش   

(سورة السجدة (

هو الذي خلق السموات والأرض في ستة أيام ثم استوى على العرش ) سورة الحديد)

 

Akkasuma hadiis heddutti waan dhufeef ni dhuga'oomsina. o'ltahiinsa isaanmalu, kan akkaataan isaa hinbeekamne, kan wahitti hin fakkeyfamne jenna.

-Arshirratti oltahuu isaa hinmorminu, jecha Rabbii s.w. bakkarraa hin jallisnu, hikkaa isaa hinmicciirru, akka garee jallatte tan jahmiyyaa fii  ahbaashitti.

warreen waswaasa jallinaa kan warra kalaamaa Qabachuudhaan aayatoota sifaataa jallisan nimormina.

Rabbiin  kan isarra isa beeku hinjiru waan taheef jechuma isaati qabanna.

Akkasuma Rabbiin uumaa isaa takkattillee hinfakkeysinu.

 

12-Haasawa Rabbiitti niamanna. qur'aanni haasawa Rabbiiti  isumaatu dubbate, Isumaatu buuse, hundii isaa dhugaadha. Qur'aanni uumamaa miti. Gareen jallatte (Ahbaash) qur'aanni jecha Rabbiitii miti jettu niabaarra. nimormina.

 

walaloo towhiidaa

akeekkadhaa hundi namaatii.

Sadihi dameen towhiidaatii.

Rubuubiyya kaaliqumma saati

kan hunda uumee kophaa isaatii

 

jahannamirraa uf fageysii.

hojjadhu ibaadaa sirreysii.

qabrii owliyaa jinniifii dhagaa

gabbaruu dhiisii qabadhu dhugaa.

 

dhugaan sun towhiida Rabbiitii.

mainaa laa ilaaha illaLlaahutii.

Nabi muhammad ergaa Rabbiitii

jedhii hordofii karaa isaatii.

 

akeekkadhaa hundii namaatii.

sadiihi dameen towhiidaatii.

rubuubiyya kaaliqummaasaatii

kan hunda uumee kophaa isaatii.

 

kuun gabbaramaa haqaa tahuu.

ibaadaan isaaf qulqullaawuu.

ajaja isaa qalbiin dhagahuu.

walaa ta'ibuduu illaa iyyaahuu.

 

qoonni towhiidaa kan sadeysaa.

asmaa'aaf sifaataa dhageysaa.

jedhe faliLlaahil asmaaul husnaa.

fad'uuhu bihaa ittiin milkoofnaa.

 

Ilaahii RahmaanuRahiimuu.

Malikuun Qudduusun Salaamuu.

jennee yaa Gafuur nuu araaramuu.

kaatimaa tollee shahaadaan deemuu.

 

Ilaahii Aliimun Hakiimuu.

taqwaaf hidaayaa nutti arjoomuu.

zaalimtoonni diin balleysuu deemuu .

kasaaree kufee badee dhabamuu.

 

garee ahbaashaa diin balleysa.

abbaan irree godheef gargaarsa.

dirqamaan filee humnaan leenjisaa.

waliqqooyti aoon waraabeysaa.

 

yaa kan oltahee arshii isaarraa.

rahmata raabsee harka isaarraa.

nurraa dhowwi kufrii zaalimiinaa.

nuufidi nasrii diin keenya kanaa.

 

 

 

 

 

 

 

الدرس السادس الشرك ظلم عظيم

Barnoota 6ffaa shirkiin badii guddoodha.

 

Shirkii jechuun Rabbii gaditti waan gabbaran godhachuu jechuudha.

fakkeenyaaf qabroota, qubbii, dhagaa, muka, galma, hadraa, oofaa, fii kkf, hunda itti deemanii kadhachuun, haajaa itti himachuun, barakaa irra barbaaduun, shirkii guddoo islaamarra ala nama baaftudha. keysaawu Qabroota awliyaa maqaa jedhuun moggaafamee, Qubbiin iraatti jaaramee gabbaramu hedduutu jira. Fkenyaf-sheka baalee anaajinaa, shek abaadir,  ahmad umar, gooftaa danbii, shek ibraahiim billisaa, sayyid aabbiyyoo, awsaid, sayyid harar,  kkf/  Rabbii gaditti gabbaramaa jiran. Namoonni kumni hedduun itti yaa’ee gabbaraa jira. Ka ilmoo dhbe ilmoo kadhata, 

kuun qabeenya kadhata,

kuun fayyaa kadhata,

kuun umrii dheerina kadhata,

kuun rooba kadhata.

Akkatti guutumaan guututti Rabbitti kafaree waan ibaadaa jedhame hunda lafee qabrii keessaatti biyyooyteef godhe.

Kunoo namni gariin kan qakbiin isaa shirkiidhaan dukkanooyte kan yeroo muudarraa galaaf ka'e dibbee dhayee akkana jedhee shubbisuutu jira.

 

Galaaf kaanee Roobaan nu geegessa'aa.

Bahra keenya umrii nu dheeressa'aa

 

subhaanaLlaah! Rooba roobsuufii umrii dheeressus qabrii- bahra jedhee gabbaru san- kadhate. Kaafira hamaa mushrika  jallataa badaa! Rabbumaawu hinbeeku. Qabrima san taabota godhatee gabbara.

Kan birootis akki jedhee shubbisu.

 

Salaam aleyka huseyniyyaa.

Salaam aleyka abbaa kiyyaa.

Osoon siyaamu lukkuun iyyaa.

Sumaan jiratte lubbuun tiyyaa.

Kuni ammoo huseyniyyaa inni gabbaru santu lubbuu isaa jirachisa jechutti amaneeti gabbaraa ibaadaa godhaafii jira.

Kuunis akki jedhe

 

sayyida koo ani sumaan faarsaa

atummaan naaf tahi gargaarsaa

 

Akka kanatti ummanni hedduun kafaree karaa dukkanaa deemaa jira. qabrootaa fii qubbiiwwan kanaaf gosti ibaadaa hundi godhamaa jira.

Qabriin xawaafuun

isiif sujuuduun,

isiif qaluun,

kadhachuun,

dhungachuun,

biyyee isii nyaachuufii dibachuun waan bal'inaan achiti dalagamu irraayi.

Kuni hundinuu shirkii guddoo nama kafarsiiftu.

mowlidaa, dibbee tumanii shubbisuu, manzuumaa, fii kkf  obboleyyanuma shirkiiti. tanaafuu haalan irraa fagaachuu barbaachisa.

Xumura

Ammas Rabbiin nama shirkii tana dalagu janata seenuu isarratti haraam godhee jira.ibidda seensisa.

Akkasuma Nama shirkii dalagu hojiin isaa hundi nibaddi,bu’aa dhabdi.

Akkasuma  shirkii Rabbiin hin’araaramu. kana hundaafuu shirkirraa fagaadhaa!fagaadhaa!fagaadhaa!Warri dhama’ee ijji isaanii jaamee,gurri isaanii duude,kan amma haarawatti shirkitti nama yaamu (Ahbaash) isin hinjallisin, ufirraa eegaa,,

Ahbaash hoomacha, hoomachi daddafeeti dhabama. muslimni haqaa akka bishaan xaliilaati .nijiraata, nitura, injifannoon tan warra haqaati. dukkana boodaan bariitu jira, akka yuuseenis waa nama hinnyaatu! Tanaaf diinirratti ciniinnadhaa oobsaa! Rabbi isin haa gargaaru! Asirratti xumurame galanni Rabbiif haa galuu. Dhumarratti

Warra diin isaa baratee walbarsiisee sirritti itti dalagee jaalala Rabbii argate nuufii isinis Rabbi nuhaa godhu.ibaadaalee hunda Rabbi nurraa haaqeebalu.

Yoo yadaa fi gaafii qabaattan

mobile - 00966 505697461 yookaan email  shekhjemal@yahoo.com irratti yaada keessan nuuf kennaa.galatoomaa wassalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu.

والحمد لله رب العالمين

وصلى الله وسلم على نبينا محمد وآله وصحبه أجمعين.